Dubartootni Itiyoophiyaa sadii dubartoota Afrikaa dhibbaa uuman jedhaman 100 keessa galan.
Pireezidaantii Saahilawarqi Zawdee bulchiinsaan, pirezidaantii mana murtii waliigalaa Ma’aazaa Ashannaafii, hojii gama seeraa fi Beteliheem Xilaahun ammoo hojii uumuun filatamuun dubartoota 100 keessa galaniiru.
Filannicha kan ifoomse dhaabbata miidiyaa Avaansi jedhamu yoo tahu, biyyoota 35 irraa dubartootni 100 adda bahuus fuula marsariitiiisaa irratti ibseera.
Pirezidaantota, dippilomaatotaa, hayyoota, namoota siyaasaa fi kaanis kan hammateedha.
Aktivistii fi Gamtaa Afrikaatti bakka buutuun dargaggootaa shammarree Ayaa Cheebii fi kaanis keessa oolaniiru jedha gabaasni BBC.