Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Prezdaantiin Zimbaabwee kan duraanii Robert Mugaabee du’uu gabaafame

$
0
0

Prezdaantiin Zimbaabwee kan duraanii Robert Mugaabee du’uu gabaafame

Prezdaant Robert Mugaabee biyyattiin Kolonii Briteen jalaa eega bilisa baatee booda waggaa dheeraaf Zimbaabwee kan hoggane yoo tahu, November, 2017 taayitaa isaa gadi lakkisuun ni yaadatama.

Robert Mugaabeen qabsoo bilisummaa biyyattii yeroo hogganaa turetti yeroo heddu kan hidhamee ture yoo tahu, eega biyyattiin kolonii Briteen jalaa baatee booda ammoo Zimbaabwee keessatti tajaajila Fayyaa fooyyeessuu fi Barnoota babal’isuu danda’ee jira.

Haaluma wal fakkaatuun, waggoota dheeraaf diinagdee Zimbaabwee cimaa tahe ijaaree kan ture tahus, qoqqoobbii hamaa biyyoonni lixaa irra kaahaniin diinagdeen biyyattii deebi’ee kan kufe tahuun ni beekama. Prezdaant Mugaabeen lafa qonnaa babal’aa warri adiin qabatee ture, ummata biyyaatii qooduu isaatiin Briteen fi mootummoota lixaa kanneen biroo waliin wal dhabbii cimaa keessa kan galee ture tahuun ni beekama.

Manguddoon waggaa 95 Robert Mugaabee April dabre irraa jalqabee dhukkubsatee Singapore keessatti yaalamaa kan ture tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Madda Nurlhuda


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles