Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Oromiyaa keessatti hiriirri eeyyamame tokkollee akka hin jirre Koomiishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.

$
0
0

Oromiyaa keessatti hiriirri eeyyamame tokkollee akka hin jirre Koomiishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.

Jimmaatti akka waan rakkoon mudatee odeeffannoon tamsa’es soba jedheera koomiishinichi.

Koomiishinar Janaraalli Koomiishinii Poolisii Oromiyaa Kafyaalaw Tafarraan ibsa laataniin, odeeffannoo sobaatin akka waan mana amantaarra miidhaan qaqqabee bilbiluun waamichi taasifamee fi odeeffannoon miidiyaa hawaasummaatin tamsa’e rakkoo tasgabbii uumuu eeraniiru.

Yeroo ammaas tasgabbiin bu’uu fi dhimmichi jaarsummaan ilaallamaa jiraachuu ibsaniiru.

Koomiishinar Janaraalli Koomiishinii Poolisii Oromiyaa Kafyaalaw Tafarraan hiriirri nagaa Oromiyaa keessatti eeyyamame tokkollee akka hin jiraatin ibsaniiru.

Ajajaan Poolisii Magaalaa Jimmaa Koomaandar Abduraazaaq Naggaan gama isaanitiin, odeeffannoon manni amantaa Maariyaamii gubatteen tamsa’e soba jedhaniiru.

Odeeffannoon sobaa miidiyaa hawaasummaatin gadhiifame soba ta’uurra darbee hawaasa barootaf walkabajaan waliin jiraate walitti buusuuf shira xaxamedha jedhaniiru.

Ummannis oduu dharaatin osoo hin burjaajja’in, nageenya naannoosaa akka tiksu dhaamaniiru. Madda Fbcafaanoromoo


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles