Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee Qaammee 3 fi 4, 2011 Tajaajila Odeeffannoo fi nageenya Biyyoolessaa, Biiroo Dandalaa fi Industirii akkasumaas qaamoolee nageenyaa waliin ta’uun sharafa alaa karaa seeraan alaa deddebi’amu to’annoo jala oolchee jira.

$
0
0

Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee Qaammee 3 fi 4, 2011 Tajaajila Odeeffannoo fi nageenya Biyyoolessaa, Biiroo Dandalaa fi Industirii akkasumaas qaamoolee nageenyaa waliin ta’uun sharafa alaa karaa seeraan alaa deddebi’amu to’annoo jala oolchee jira.

Kutaa magaalaa Qirqoos Aaanaa 7 naannoo Masqaal Addababay jedhamuun beekkamutti mana nomootaa fi konkolaataa keessaatti dabalatee karaa seeraan alaa kan deddeebi’u sharafa alaa ni jijjiru namoota jedhamaan to’annoo taasifameen doolara Ameerikaa kuma dhibba 1 fi kuma 90 ol, Yuuroo kuma dhibba 1 fi kuma 2 fi birrii Ityoophiyaa kuma dhibba 7 fi kuma 29 ol shakkamtoota waliin to’atamaniiru.

Namoota shaqaxa irratti gatiin akka dabalu taasisaan sakkata’insa mana kuusaarratti taasifameen buna kuntaala dhibba 1 fi 88, daakuu kuntaala 21, barbaree kuntaala dhibba 2 fi 5 fi zayta paalmi jarkaana heeddun magaalititti argameera.

Dabalataan dhaabbinni daldala 100 eeyyama otuu hin qabaatiin gatii dabalaan otuu gurguranii argaman akka samsaman ta’eera.

Manneen daldalaa saddeetitti akeekkachiisni kennameera.
Gocha kanaan yakkamtoonni kun dinagdee biyyatti kan miidhaniifi jireenya hawaasarratti miidhaa geesisaan kan jiraan ta’uu, yakkamtoota akka kana ittisuuf hawaasni poolisii waliin ta’uun hojjechuu fi eeruu keenuu cimsee itti fufuu qaba jechuun Komishiniin Poolisii Finfinnee hubachiiseera.

Madda fbcafaanoromoo


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles