Jaalallee koo Baacaa Guddisaa Wallagga lixaa magaala Mandiitti dhalatee fi yeroo ammaa kana Finfinnee tti argamuuf
Baacaa koo akkam jirta nagaakeeti? Ani nagaa koo ti , jechuun na rakkisa maaliif yoo jette ergan sirraa adda ba’ee nagaa waanan hin qabneefi .
Baacaa koo jaalala nuti waliin dabarsine keessakoo na nyaate akkan xalayaa kana barreessuuf na kakase. Waanin xalayaa kana barreessuuf yoo kan anaaf si’iin walitti deebisuu baates kan namoota biroof barnoota ta’udha jedheen amana.
Siifis yaaddannoo fi seenaa akka taatu jedheetanin waan sammuu fi onneen koo natti bilbilte taa’ee barruudhaan kaa’e. Waa’een kee fi koo dubbatamee kan dhumu ta’u baatus hanga tokko irra keessa nan barreessa:-
Baacaa koo haalli aniif ati ittiin wal barree wal jaallanne illee wal xaxaa akka ta’e ni yaadatama .
Ani akkuma beekamu biyya arbaa bara 2012 kaasee kontiraata hojjetaa yeroon turetti hiriyaa fb koo kan ta’ee fi siif ammoo hiriyaa dhugaa kan ta’e anaan akka obbolaatti wal jaalladhu Roobaa Talilaa yeroo qaamaan akka wal agarru,
murteessinee turre innis bara ani boqonnaa koo fudhachuuf dhufe jechuunis bara 2014 dha. Bifti nuti ittiin wal agarrus obbolummaa waan ta’eef atis hiriyaa kee Roobaa waliin dhuftee na simattee.
Isa booda guyya sanarraa kaatee akka ati ija jaalalatiin na ilaalteefi guyyaa 2 ffaatti kaaffeetti wal beellamnee hiriyaa kee Roobaa waliin na eegdanii
akka gaaffii keessa kee jiru jaalalaa sanaa naaf dhiyeessite anis hiriyaa kee Roobaa biratti tole jedhee jaalala kee akkan keessummeesse ture ni yaadatta.
Baayyee wal jaallanne nu qofaa miti maatiikee bira na geessitee wal barsiistee isaan illee waliin nutti gammadani baayyee borii keenyaafis akka wal amannu hedduu haamilee nuuf kennaa turan firri koos firrikees ni beeku.
Kana booda abjuun keenya akka dhugoomtu otoo abdiin eegnuu atis yeroo na yaadde naaf bilbiltee anis akkasuma siif bilbilee qaamaanis wal agarree yeroo hunda wal malee jechaa turre.
Boqonnaa koo xumuree abdii waliif taanee atis otoo garaan kee hin fedhiin anis si biraa deemuun otoo natti hin toliin dirqama jireenya foyyeffachuuf deebi’ee
akkan biyya arabaa deemuuf of murteesse atis waadaa hin jijjiiramneen wal amansiisnee na geggeessite. Biyya arabaa deeme. Ergan deemes jaalala fageenya jennee otoo wal hin nuffisiisin waliif barreessaa halkaniif guyyaa waliin haasa’aa turre.
Isa booda secondiin, daqiiqaa, daqiiqaan sa’aatii, sa’aatiin guyyaa, guyyaan torban,torban baatii,baatiin immoo waggaa taatee waggaan 2ffaan jechuunis
Irreecha Bishooftuutti hagayya 6 /2016 nuuf geesse waliin uffata aadaa uffannee kabajne, egaa Oromoon gammaduun eessa jiraa mitiiti kan lubbuun dhume dhumee inni kaan reeffa walii baate gale anaaf ati irraa hafnee luubbuun galle .
Ammas akkan biyya koo galee wal agarru taate. Baayyee wal hawwinee wal agarree akkuma bara 2014 sana jaalala keenya waliin dhamdhamanne.
Haa ta’u malee akkuma yaadatamu bara 2017 yeroo 3ffaaf biyya arabaa deemuu waanin murteesseef ati isan yeroo 2ffaaf 2014 sibiraa deeme iyyuu otoo
rinciccuu jechuunis otoo fedha kee hin ta’iin waanin deemeef amma naaf hin eeyyamtu laata jedheetan si dhokadhee deebi’ee biyya arabaa deeme.
Kun akka si gaddisiisee fi jaalala keenya akka shakkitu akka si taasise natti akka mufatte si hubadheen jira.
Kana ammoo badii koo amanee dhiifama si gaafadhus baayyee aartee narraa adda bahuuf murteessite, haa ta’u garuu jaalala keenya isa darbe yaadadhu natti deebi’in siin jedha.
Ani maatiikee baayyee na kabajan yeroo hunda nagaa naaf dhaaman sanaan qaana’e mee maal haa jedhan yeroo jaalalli akkanaa deebi’e cooligu?
Nan salphaadhe obboloota kee shamarranii waliin sayyuu jennee waliin qoosaa turre maal naan jedhu yeroo adda bahuu keenya dhaga’an laata?!
Safuu namni illee adda bahuun duruu jira keenya kun garuu waan addaati.! Erga natti mufattee narraa fagaattee yoo kaadhima biraan wal baruu baatte itti yaadiin dhaamsa kooti! Ani ammayyuu sin jaalladha bakka guddaan siif qaba.
Baacaa koo onnee koo guutuunin si jaalladha ammayyuu ani, si dhoksee deemuun koo akka dogoggora koo ta’e beeka garuu jireenya keenya boriif jedheetan hojiif deeme na amani.
Deebi’ee deemuun koo gaarii yaaduuf mana isa bor waliin dhaabnu heedeetan malee jaalala keenya dhugaa diiguuf sababa ta’a jedhee hin yaanne.
Dhiifama si gaafachuun koo kabajaaf jaalala keenya sanatti akka deebinuufi. Jaalala dhugaa wanti daangessu hin jiru , keessattuu sababni koofi kee kun waanuma adda nu baasu hin turre.
Jaalallee kee Obsee Milkeessaa Baha Wallaggaa Horroo guduruu tti kan dhalattee fi kan biyya arabaa magaala Baareen jiraattu irraati.
Xalayaan kun akka Baacaa Guddisaa dhaqqabuuf, share , like & comment gochuudhaan na gargaaraa! Yaada keessanis naaf qoodaa!
Galatoomaa!