Koonfaransiin nageenyaa naannolee 5 hirmaachise magaalaa Dirree Dawaatti taa’amaa jiru ittifufeera.
Koonfaransiin nageenyaa naannolee 5 hirmaachise magaalaa Dirree Dawaatti taa’amaa jiru saaa booda sitti fufeera.
Koonfaransicha Mana Maree Federeeshiniitu naannoo Oromiyaa, Somaalee, Afaar, Dirree Dawaa fi Harariin
qindoominaan kan qopheessan yoo ta’u olmaan guyyaa har’a atiin hirmaattoonni nageenya naannolee kanneen keessatti kallattii mirkanaa’u danda’urratti yaadasaanii kaasaniiru:
Hirmaattoonnis:
Nageenya kan fiduu ykn mirkaneessuu dandeenyu nuti, nageenya hawwuu qofaan nageenyi mirkanaa’uu hin danda’u yoo nageenya biyya keenya mirkaneessuf hojjenne malee,
Kanaafis nageenya keenya mirkaneessuf kan hojjechuu qabnu nuyi ,qaamni biraa nageenya keenyaaf hojjetu hin jiru.
Yoo nageenya waaraa fiduu dandeenye malee ,waa’ee misoomaa fi dhimma biraa haasawuu hin
dandeenyu waan ta’eef nageenyi waa hundaafuu bu’ura tahuusaa amanun hojjechuu qabna.
Quba keenya gara biraatti qabu otuu hin ta’in nuti maal hojjennee jechuun wal gaafachuu qabna.
Rakkoo fi seenaa darbe haasawuunif furmaata hin ta’u, furmaatasaaf yoo mari’anne malee.
Kanaafuu dhaloota dhufuuf biyya ummata wal gaarreeffatufi dhiiga wal dibu otuu hin ta’in biyya nageenyishee mirkanaa’e fi tokkummaan ummata she akka
sibiilaatti cime akkasumas diinagdeedhaan badhaate dhaalchisuu qabna kun ammoo yaadaan otuu hin ta’in tumsa hunda keenyaan dhufa.
Kanaafuu Abbootiin Gadaa,abbootiin
amantaa jaarsooliin biyyaa taa’anii mari’achuun biyya keenya giddugala jeequmsaa otuu hin taane giddugala
nageenyaa fi jaalala taasisuuf adda durummaan hojjechuu akka qaban hirmaattonni kaasaniiru.Mariin nageenya kunis akkuma itti fufeetti jira.