Qindoominni diinagdee Ityoophiyaa, Eertiraa fi Soomaaliyaa bifa karoorfameen hojiirra oolaa jira
Qindoominni diinagdee biyyoota sadanii bifa karoorfamee fi waliigalameen hojiirra oolaa jiraachuusaa dureewwan biyyoota sadanii magaalaa Baahir Daarii ibsa laataniiru.
Tumsa diinagdee fi nageenya naannichaa eegsisuuf karoorri qabames sirnaan hojiirra oolaa jiraachuun isaa eerameera.
Hojiirra oolmaa karoora baatii lama dura muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad qopheessan irratti mariin gaggeeffameera.
Hojiirra oolmaan isaas bifuma karoorfameen milkaa’inaan deemaa jiraachun ibsa waliiniirratti ka’eera.
Yeroo itti aanu mariin biyyoota sadanii Mooqqaadishootti kan taa’amu ta’a.