Oromoon Hin Soodaatu.
Oromoon guyyaa tokkoofile soodaate hin beku ni du’a malee.
Soodaa luubbuuf jedhe gabrummaas filate hin buluu. Osoo falmatu du’a malee.
Shirrii kamuu tokkummaa Oromoo duubatti deebisuu hin danda’u. Bakka turreetis hin deebinu.
Ajjeechaan lammilee keenyarra gahaa jiru dhaabbachu qaba.
Ummanni Oromoo nageenyi isaa eeggame, biliisaan biyya kana keessa jiraachuuf mirga guutuu qaba.
Yoommiyyuu taanaan biyya kana keessatti Oromoon bakka isaaf malu argachun dirqama.
Ajjeechaan shira diinaatin saba keenyarratti aggaamame kun kaayyoon isaa jijjiirama akka naannoo fi biyyaatti Oromoon fidaa jiru gufachiisuu waan ta’eef,
ummanni keenya miira keessaa ba’ee tarkaanfii mootummaan naannoo Oromiyaa fi mootummaan Federaalaa
waliin ta’e rakkinicha waaraan furuuf hojjecha jira waan ta’eef tumsa isiinirra barbaadamu akka taasiftan isiin gaafana. Horaa Bulaa!!!