Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Wajjirri Ministira Muummee gocha naannoo Amaaraatti ta’e balaaleeffate.

$
0
0

Wajjirri Ministira Muummee gocha naannoo Amaaraatti ta’e balaaleeffate.

Ibsa Waajjira Ministeerri Muummee kenneen yaalii fonqolcha mootummaa naannoo Amaaraa fi caasaa mootummaarratti qaama gurmaa’en raawwatame Heera Mootummaa kan cabse,ummanni naannichaa yeroo dheeraaf nageenya fi tasgabbii argachuuf kan qabsaa’ef kana fashaaleessuuf gocha raawwatedha.

Gocha kana mootummaan federaalaa kan balaaleeffatu ta’u ibsuun poolisiin federaalaa qaamolee gurmaa’un gocha kanarratti hirmaatan to’achurratti argama jedha.

Gocha akkanaa mootummaan naannichaa qofti kan balaaleeffatu osoo hin tane naannooleen biroo fi ummanni biyyaattis balaaleeffachuu qaba jedhame.

Mootummaan federaalaa aggaammii qaama hidhaate seeran ala socho’u kamiyyuu qolachuuf ga’umsa qaba jedha ibsi waajjira Ministirri Muummeerra argannee. OBN


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles