Kaaba Eeshiyaatti balaa lolaa mudateen lubbuun namoota 100 du’aan darbe
Kaaba Eeshiyaatti balaa lolaa mudateen lubbuun namoota 100 du’aan darbuun himame.
Kaaba Eeshiyaatti balaa lolaa magaaloota akka Hindii, Neeppalii fi Bangilaadhish mudateen namoonni 100 yoo du’aan gara miiliyoona 4 kan ta’an qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’aniiru.
Sababa roobni cimaan roobeef naannichatti balaa lolaa akka uummamu ta’eera.
Naannichatti guyyoota 10 keessatti lammiileen miiliyoona 3.4 ta’aan naannoo jireenya isaaniirra buuqqa’uu hooggantoonni naannichaa himaniiru.
Bu’uraaleen misooma naannichatti hojii ala ta’aniiru.
Bara faranjoota 2017 naannichatti balaa wal fakkatuun lubbuun lammiilee dhibba 8 du’aaf geessisuun isaa ni yaadatama.
Maddi:- Rooytarsi