Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad Eemiiriin Kuweet Itiyoophiyaa akka daawwataan affeeran.
Ministeerri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee Eemirii Kuweet Sheek Saabah Al Ahimad Al Jabbar Al Saabaah waliin Kuweetitti maria’ataniiru.
Turtii isaanii kanaan Obbo Ahimad Shidee dhaamsa Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad Eemira Kuweet Sheek Saabah Al Ahimad Al Jabbar Al Saabaahatiin ga’aniiru.
Dhaamsi ergames hariiroo biyyoonni lamaan waliin qabaan guddisuu irratti kan xiyyeefateedha. Madda OBN