Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uummamaa Naannoo Amaaraa, qaamoolee biqiltuu dhaabanii akka laliisan taasisaniif waraqaa ragaa keennuuf akka ta’e beeksise.

$
0
0

Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uummamaa Naannoo Amaaraa, qaamoolee biqiltuu dhaabanii akka laliisan taasisaniif waraqaa ragaa keennuuf akka ta’e beeksise.

Itoophiyaa guutuutti guyyaa biqiltuun itti dhaabamu guyyaa “ashaaraa magariisaa” ilaalchisee Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uummamaa naannichaa ibsa laateera.

Adooleessa 22/2011 Naannoo Amaaraatti guyyaa tokkootti, biqiltuu miiliyoona 100 dhaabuuf yaadamuu isaa Itti anaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uummamaa naannoo Amaaraa obboo Maarqoos Wandee ibsaniiru.

Ganna kanatti sadarkaa naannichatti biqiltuu biiliyoona 2 ol dhaabuuf karoorfamuu isaa ittaanaa itti gaafatamaan kun addeessaniiru. Hanga ammatti biqiltuun miiliyoona 800 akka dhaabamaniis himaniiru.

Adooleessa 22/2011 ganama12:00 hanga galgala12:00 Itoophiyaatti biqiltuu miiliyoona 200 dhaabuuf qophiin dursaa xumurameera. Karoora kana keessaa walakkaa isaa raawwachuuf naannoon Amaaraa itti gaafatamummaa isaa fudhateera.

Qaamolee hawaasaa adda addaa kan hirmaachisu hojiin biqiltuu dhaabuu kun dhaabamuu qofa osoo hin ta’iin laliisuu fi kunuunsuun dhimma xiyyeeffannoon guddaa itti laatamudha.

Namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen biqiltuu dhaabanii guddisan hordooffiin waggaa lamaa taasifamuun erga mirkaneeffameen booda, waraqaan ragaa akka kennamuuf obboo Maarqoos himaniiru.

Gabaasa sobaa ittiisuuf, to’aannaan baay’ina biqiltuu dhaabamani fi lalisan akka qophaa’ees eeraniiru.

Erga biqiltoonni dhaabaman ji’oota lamaa fi sadiin boodatti, ogeeyyiin, biqiltuuwwan kun akka guddatan ni ilaalan jedhaniiru.

Itti aanaa itti gaafatamaan kun, biqiltuuwwan hin laliisne yoo jiraatanis biqiltuu birootiin bakka akka bu’aan ni taasifama jedhaniiru jechuun miidiyaa naannichaatu gabaase. Madda fbcafaanoromoo


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles