Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad naannoo Kibbaa Walaayittaa Sooddootti biqiltuu dhaaban.
Sagantaa dhaabbii biqiltuu kanarratti ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufaariyaat Kaamiil, Ambaasaaddar Tashoomaa Togaa, hoggansi naannoo fi godinaa akkasumas jiraattonni irratti hirmaataniiru.
Magaalaa Sooddootti bakkeewwan dhaabbii biqiltuu 8 adda kan baafaman yammuu ta’u, muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadis bakka adda baafame tokkorratti biqiltuu dhaabaniiru.
Dooktar Abiy Istaadiyamii Sooddootti argamuudhan haasaa ni taasisuun eegamu.
Muummee ministiraa Dooktar Abiy saganticharratti haasaa taasisaniin ummanni Walaayittaa ummata cichooma kaayyoo fi seenaa boonsaa qabu ta’uu eeraniiru.
Dhaabbiin biqiltuu Walaayittaa har’aas hiriira deeggarsaa Finfinnee Waxabajjii 16,2010 gaggeeffamee ture irratti dargaggoo dhalataa Walaayittaa balaa boombii mudatee tureen lubbuusaa dhabe Yooseef Ayyaaleewiif yaata’u jedhaniiru.
Dargaggoon Walaayittaa kaayyoo abbootiisaa itti fufsiisuu akka qabu Dooktar Abiy ibsaniiru. Madda fbcafaanoromoo