Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Dooktar Abiy Ahimad ummanni Ityoophiyaa tokko ta’ee yoo ka’e bakka yaadan gahuu danda’u jedhan

$
0
0

Dooktar Abiy Ahimad ummanni Ityoophiyaa tokko ta’ee yoo ka’e bakka yaadan gahuu danda’u jedhan

Obsa keessanii fi humna keessan seenaa boonsaa hojjeteef galata akkasumas jaalalaa Fi kabajaa isiiniif qabu ibsuun barbaada jedhan.

Haala fi rakkoo cimaa kamuu keessa jiraannee dhimma biyya keenya ilaallatu rakkoowwan cimaan nu mudatus tokkummaaf jaalala isin nu agarsiistaniif gaaddisa jaalala keessaniitiin isiniif ibsuun barbaada.

Murni nagenya biyyatti hin barbannee fi jijjirama kana gufachiisuu yaadan tokkummaa keenya diiguuf yaadanillee tokkummaa fi kaayyoon keenya murna kanaan akka hin digamnee fi of duuba hin deebine Asharaa magarisummaa isiin keessaniin hirphuu siniif seena biyyi yoo gaarii hojjetaniif galata namaaf galchiti.

Aniis akkasuma biyya magariisa taatee fii biyya badhaatuu dhaloota booddee dhalchisuu waamicha Addoolessa 29 akka biyyattitti siiniif taasiseen hundi keessa hirmaatanii gahee keessan bahuun seenaa waan hojjetaniif galanni keesaan danuudha.

Daa’immani hamma jaarsolitti jiraattota daandii irra hamma aanga’oota olaanotti, buufata taaksii irraa hamma humna nageenyatti, qotee bulaa irra hamma ogeeyyii qonnaatti,barattota hamma hojjettoota mootummaatti, baadiyaadha hamma magaalaatti,biyya keessa hamma biyya alaa, artistoota irraa hamaa atileetotaa,gaazixeessitoota hamma ogeeyyii fiilmii akkasumas Kaabaaf Kibbaan,Baha Dhihaan kan irratti hin hirmaanne hin turre.

Hirmaannaa fi biyya koof naan jira galmee seenaa irratti yoomuu kan dagatamuu miti.

Ummanni Ashaaraa magarisumma kaa’uuf kaka’uumsi qaban daran kan nama boonsudha.
Akkasumas Biiftuun Ashaaraa magariisaa ganama barraaqaan baatee jirti.

Daa’immaan harka haadhaa irra humna dhabeeyyin ulee qabachuun Kara gaaraa bahuun iddoo biqiltuun hanqateetti qarshii isaanitiin bituun seenaa bara baraa hojjetanii jiru.

Adoolessa 29 baraaqaan tokkummaa,jaalallii fi kaka’uumsi,obsii akkasumas ejjennoon nii dandeenya galmaan geenya jedhuun olaantuumaan xummuramee jira. Fbcafaanoromoo


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles