Koree Qindeessituu olaantummaan magaalaa Finfinnee hoogganu miseensota nama shan qabu keessaa Obboo Maashoo olaanaan baafamuun miseensi ADP obboo Tsaggaa Arraageen muudaman jedhame.
Obboo Maashoo Olaanaan keessaa baafamuun ODPn koree qindeessituu keessatti bakka bu’aa tokko qofaan akka hafu wayita taasisu, ADPn 2 akka qabaatu taasisa jedhameeti jira.
Murtiin akka kanaa dantaa uummata Oromoo tuqa jechuun namoonni hedduun gamanumaa mormii isaanii karaa marsaalee hawaasaa dhageessisaati jiru.