Yeroo baay’ee simbirroota Awurooppaarraa gara Afriikaatti godaanantu jiru. Simbirroonni kunneen kan godaanan Awurooppaatti waqtii qorraa /diilalla’a/ dandamachuu waan hin dandeenyeef akka ta’e himama.
Kanaaf, gara Ardii Afriikaa naannoo iddoo ho’a qabu Sulula qiinxamaa keessa yeroo murtaa’eef jiraachuuf garana dhufu.
Wayita haalli qilleensaa jireenyasaaniif mijaawaa ta’e uumamutti ammoo deebi’anii gara bakka dhufanitti deebi’u.
Simbirroonni kun daandii dheeraa Ardiilee kanneen gidduu jiru kana kan balali’an gurmaa’aniiti.
Gurmii qindaa’aa isaan ittiin balali’an kun ammoo bifa qubee “V” fakkaatu qaba. Tooftaa kanaan, fuulduraan kan isaan oogganu ykn dursu kan jiru yoo ta’u,
akkaataa dursaan garee kallattii filatuun hiriirasaanii eeggatanii gamaafi gamanaan bifa kanaan balali’u.
Simbirroonni kunneen haala kanaan tokkumman waliin balali’uun
dhuunfaa facaa’anii kan balali’anirra gurmaa’anii akkanatti
balali’uunsaanii dhiibbaa qilleensaa itti dhufu %30n irraa hiri’sa. Sababa kanaan ariitiin saffisasaanii ni dabalaaf, dadhabbiin ammoo ni hiri’ataaf.
Wayita tuutaan balali’an kanatti isaan keessaa tokko dhukkubsatee ykn dadhabee boodatti yoo hafe tuuta sana keessaa hammi tokko boodatti hafuun tumsuuf.
Itti naanna’anii boca qubee ‘V’’ itti ijaaruun jajjabina kennuufi. Isaan keessaa kan dadhabe kun yeroo humnasaa duraatti deebi’us gara toora gurmiisaaniitti deebisuun waliin balaniinsasaanii itti fufu.
Dursaan ykn geggeessaan dura bu’uun balali’u yoo dadhabe geggeessummaasaa kan biraaf laatee duuba hiriira. Kan itti aanu ammoo dursummaa ykn geggeessummaa fudhatee qajeelcha kennaa dhiibbaa qilleensaan morkaa imalasaanii itti fufsiisa.
Kanumaan gurmiin balallii itti fufa. Haaluma kanaan kan dursu wayita dadhabu kaaniif dabarsaa, abbaan dabaree ammoo hanga danda’e dhiibbaa qilleensaa morkaa sochiin ariitiisaanii eeggateen akka itti fufa ta’a.
Haala kanaan, Simbirroonni kunneen imala dheeraa hagas ga’u kana gurmaa’uun diilalla dheessuun gara iddoo ho’aatti taasiftan ga’u.
Waqtiin diilallaa kun yeroo jijjiiramu ammoo deebi’anii gara iddoo dhufan Ardii Awurooppaatti haaluma sochoo tuuta gurmiisaanii kanaan deebi’u.
Simbirroonni kunneen muuxannoo kana kan argatan uumamaani. Seenaa Simbirroowwan kanaarraa maaltu baratama?
“Mixiin walgargaartee laga ceeti” akkuma jedhamu, dhuunfaa dhuunfaan hojjechuun bu’aa argamu caalaa gamtaa’uun miira tokkummaatiin hojjechuun bu’aa inni argamsiisu,
baasii hangamii akka qusatu, akkasumas saffisni ariitii hojii akka dabalullee simbirroota kanarraa baruun ni dandaa’ama. Raayyomnee haa hojjennu kan jedhamus kanummaaf akka ta’e hubatamaadha.
Simbirroota kanarraa waanti baratamu kan biraan yoo jiraate, waliif tumsuudha. Inni tokko wayita dadhabu kaan gatee kan darbu yoo ta’e inni har’a carraa darbuu argate bor ofiisaafis kan biraan darbamuunsaa hin oolu.
Kanaaf, yoo tokko dadhabu walgatanii darbuu osoo hin taane ciminaafi dadhabbiitti walcinaa dhaabbachuun kaayyoo waliinii filatan bira gahu jechuudha.
Gama biroon dhuunfaan waan hojjechuun hin dandaa’amne gamtaan gurmaa’uufi waltumsinaan akka dandaa’amu tuuta gurmii sinbiroota kanarraa baruun ni dandaa’ama.
Kana malees, waltumsuufi itti gaafatamummaaf bakka walbuusaa deemuun hammam bu’aa qabeessa akka isaan taasise hubachuun ni dandaa’ama.
Tuuta sana kan oogganu ykn dursaan garee sanaa dhiibbaa qilleensaa adda durummaan morkaa kallattii isaanii qajeelcha kennaa deemu wayita dadhabu isa itti aanuuf bakka gadi dhiisaa deemuunsaaniis akkasuma.
Kunis, saffisni ariitiisaanii haaluma walfakkaatuun ariitiisaa eeggatee akka itti fufu, inni bakka bu’e
dhumarra hiriiree dhiibbaa qilleensaa isa xiqqaarra wayita hiriiru ammoo humnasaa haromfatee itti gaafatamummaa itti aanuuf of qopheessaa akka deemu waan godhuuf isaan keessaa tokko utuu hin harca’in ariitii guddaan galma hedan dhaqabu.
Waltumsuufi wal aangessuun bu’aa inni qabu dhuunfaa kan fayyaduu qofa utuu hin taane, garichaafillee bu’aa akka qabu tuuta gurmii Sinbirroota kanarraa hubachuun ni dandaa’ama.
Sababnisaas, yeroo hunda geggeessaa cimaan bakka oogganamutti, raawwiin karooraas ta’e qisaasama qabeenyaa gadaanaa akkasumas ariitiin ittiin raawwatamus ta’e bu’aan argamu olaanaa waan ta’eefi.
Gama biroon ragaaleen saayinsiifi tekinooloojii tokko tokko akka mul’isanitti, boca qubee “V” simbirroon gamtaan gurmaa’anii dhiibbaa qilleensaa qolachuuf yaalan kanarraa ka’uun konkolaatota,
Baaburaafi Xiyyaarri akkasumas xiyyaarri waraanaallee bocnisaanii qubee “V” kana akka qabaatu kan taafameef.
Kunis, fuulduraa dhiibbaa qilleensaa guddaa jiru qolachuuf gargaaruun saffisni ariitii akka dabalu taasisa.
Simbirroonni kunis utuu hin gamtoomne imala hagas dheeratu balali’anii iddoo kaayyeffatan hin ga’an turani.
Utuu hin gamtoofnee humnisaanii hin haaromu. Tokko tokkoon harca’anii bakka akeekkatan utuu hin ga’in karaatti hafu.
Gamtaa’uufi miirri tokkummaasaanii galma kaayyeffatan biraan isaan ga’a. Tokkummaan humna.
Gamtoomanii humna qabaannaan ammoo wanti dadhabamu hin jiraatu, Horaa bulaa deebanaa!