Ashamaa!! Har’a waan haaraa tokko qabadhee isiniif dhufeen jira. Isinis maaliidha yoo jettan; facebook keessan keessaa akkaataa suuraa, viidiyoolee fi ergaalee isin jala bade yookiin balleesitan deebistanii itti argattan isinitti hima. Isinis akka waa irraa barattan abdiin qaba. Hundumaafuu mee gara qabxii ijoo koo kan har’aatti haa deebi’uu.
Jalqaba moobaayila ismaart yookiin koompiitara fayyadamuudhaan hidha kana irra tuquun/cuqaasuun gara yoomessa facebook seeni. Achi booda; gara gar-jalaatti harkisuun “download copy of your facebook data” kan jedhu irratti cuqaasi.
Erga faayilichi gara email keetii ergamee; ati kallattimaan email kee san banuudhaan faayilicha buufadhu. Faayilichi zip tahee jira. Kanaafuu, unzip gochuu si barbaachisa. Yoo unzip goote faayila html keessatti argita. Ati immoo faayilicha san irratti yeroo lama cuqaasuun/double click/ gochuun banii ilaali.
Haala kanaan wantoota gara garaa kan facebook gubbatti isin jalaa bade deebistanii argattu jechuudha. Walumaagalatti maxxansa kana irra waan isiniif hin galle yoo jiraate na gaafachuu dandeessu. Galatoomaa!!