Dr Abiyyi Ahimad baga ayyaana Masqalaa geessan jedhan.
Ministiraa Muummee Itiyoophiyaa Dooktar Abiyyi Ahimad hordoftoota amantaa Kiristaanatiin baga ittiin isin ga’e jedhan.
Ministiraa Muummee Dooktar Abiyyi ayyaana Masqalaa ilaalchisuudhan ibsa miidiyaaledhaaf erganiin akka beeksisanitti, ayyaanni Masqalaa kan kabajamu hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti ta’us, kabajaa fi abbummaan isaa kan ummata Ityoophiyaati jedhan.
Akkuma fannoon Kiristoos inni awwaalame barbaachan argame, dhugaanis kan hin dhokanne ta’uu ayyaanicharraa ni baranna jedhaniiru.
Har’a yeroo kamuu caalaa dhugaadhaf yeroo itti dhaabbannu jedhanii, maqa balleessaa, olola, ragaalee dogongoraa yeroodhaf gufuu ta’an bira tarree akka seenaa fannoo Iyyasuus dhugaa keenya baasnee ni agarsiisna jedhan.
Damaraan mukeen guuramaniin guutuu akkuma ta’u, nutis ida’amneen walirraa bareenna jedhan. Kopha kophaa ni kufna; ida’amnee garuu jaboo taana jedhaniiru.
Nuti Itiyoophiyaanonni rakkoolee maraa agarreerraa; kan jedhan Ministiraa Muummee Dooktar Abiy amma ammoo ida’amnee waltumsuudhan biyya yaa ijaarrun dhaaman.
Akka Damaraa ida’amnee walutubuudhan, ifaan Damaraa dukkana akkuma saaqu nutis rakkoolee biyya keenyaa hiikudhaaf waliin yaa dhaabbannu jedhaniiru.