Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Manni hidhaa Ma’aakkalaawii duraanii daawwidhaaf banaa ta’e.

$
0
0

Manni hidhaa Ma’aakkalaawii duraanii daawwidhaaf banaa ta’e.

Guyyaa haqaa Qaammee 5,2011 kabajamu sababeeffachuudhan manni hidhichaa Ma’aakkalaawii har’a Qaammee 1,2011 eegalee daawwii ummataatif banaa ta’eera.

Ma’aakkalaawiin mana hidhaa fi iddoo qorannaa dhiibbaan mirga namoomaa itti raawwatamaa ture ta’uun ni yaadatama.

Mootummaan manni hidhichaa cufamee goda hambaatti akka jijjiirramu murteessuun isaa ni yaadatama.

Haaluma kanaan Qaammee 1 amma Qaammee 4,2011tti iddoowwan qorannaa fi manni hidhichaa hawaasa hundaaf daawwidhaaf banaa ta’eera.

Abbaan Alangee Federaalaa, Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa, Koomiishiniin Poolisii Federaalaa, Koomiishiniin Poolisii Finfinnee fi Koomiishiniin Manneen Amala Sirreessaa agarsiisa addaddaa dhiyeessaa jiru. Madda fbcafaanoromoo


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles