Rooba cimaa cabbii fi bubbee makateen, godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Walisootti oomishti heektaarri 200 manca’e.
Oomishti lafa heektaara 200 cabbiidhan kan itti manca’e kunis aanaa Walisoo ganda Aallee Koyyaa, Dassee Jaboo, Baroo Baballii fi Sanqallee Aallee Mariyaamitti.
Miidhaa qaqqabe kanaanis qonnaan bultoonni 450 rakkoof saaxilamuu OBN gabaasera.
Wajjirri Hoggansa Sodaa Balaa godina Shawaa Kibbaa Lixaa jireenya qonnaan bultoota kanneenii dandamachiisuuf hojjatamaa jiraachuu beeksiseera.
Oomishti qonnaan bultoota kanneenii guutumaan guututti balaa kanaan waan manca’eef, deebi’ee kan hin dandamanne ta’uun ibsameera.
Itti gaafatamaan Waajjira Sodaa Balaa godina Shawaa Kibba Lixaa obbo Alamaayyoo Shifarraan, hawaasa midhaan jalaa manca’e kana deeggarsaan dhaqqabuuf hojjetamaa jira jedhan. Madda FBCAFAANOROMOO