Oromiyaan haqaaf malee hannaaf iddoo hin qabdu jedhan itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Abbootiin qabeenyaa naannoo Oromiyaa gibira isinirraa eegamu sirnaan kaffaluun ummata tajaajilaa; nuti ammoo tajaajila qulqulluu fi si’ataa isinii kennina jedhaniiru.
Obbo Shimallis kana kan jedhan waltajjiin beekamtii adda duroota kaffaltoota taaksii naannoo Oromiyaa Finfinneetti gaggeeffamerratti.
Waltajjicharratti itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, ministirri Ministeera Galiiwwanii aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggansi naannoo fi federaalaa biroo argamaniiru.
Warri mankuusaa ijaartanii midhaan osoo hin ta’in Kilaashii itti kuufatan, warri haqa dabsitanii moonopoliin diinagdee too’attanii diinagdee fi siyaasa borcuu barbaaddaniif iddoo hin qabnu jedhan itti aanaan preezdaantichaa.
Oromiyaan haqaaf malee hannaaf iddoo hin qabdu; araarama malee ol’aantummaa seeraa ni kabajchiifna jedhaniiru obbo Shimallis Abdiisaan.
Gibirri kaffaltan mootummaafii miti; ummataafi, ummata daandii, bishaan dhugaatii fi fayyaa barbaaduufi. Ammas ummata keenya tajaajilaa jechuun waamicha dhiyeessaniiru.
Tajaajila nurraa barbaaddan hamma dirqama lammummaa bahattaniin dursinee isinii kennina; warri haqa ummataa dabsitan kan qabdanuu akka dhabdan beekaa jedhaniiru.
Jabaa yaa jabeessinu; hattuu yaa qulqulleessinu,tajaajila lammummaa yaa si’eessinuun dhaamaniiru.
Walgargaarree Oromiyaa misoomtee fi badhaate waliin yaa ijaarrun waamicha dhiyeessaniiru.
Sagantaa galataa kanarratti kaffaltoota gibiraa waggaatti hamma Birrii miiliyoona 77 kaffalan argamaniru. Madda fbcafaanoromoo