Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Faransaayitti ho’a Bonaa cimaa mudateen namoonni 1435 lubbuun darbe

$
0
0

Faransaayitti ho’a Bonaa cimaa mudateen namoonni 1435 lubbuun darbe

Ministeerri Fayyaa Faransaayi ho’a Bonaa cimaa kanaan dura mul’atee hin beekneen namoonni 1435 lubbuun darbuu beeksiseera.

Faransaay keessatti bara kana ji’a Waxabajjii ho’i digirii seentigireedii 46 gahee ture.

Magaalaa guddoo biyyattii Paariis keessatti ho’i olaanaan galmaa’e digirii seentigireedii 42.6 ture.

Ministeerri Fayyaa biyyattii akka jedhanitti namoonni 567 jalqaba wayita ho’i mudate Waxabajjii 24 hanga Adoolessa 7 jidduutti kan du’an yoota’u, namoonni 868 wayita marsaa lammaafaa Adoolessa 21-27 gidduutti du’an.

Namoonni kudhaan ammoo hojiirra otuu jiraani kan du’an.

Wayita ho’a kanaa manneen barnoota hedduun cufamanii turan.

Bakki daakaa bishanii hedduun nammoonni akka itti fayyadamaniif banaa tureera.

Biyyoota akka Yuuniytiid Kiingdaam, Beeljiyeem, Jarmaan, Niwzeerlaandis keessattis ho’i olaanaan galmaa’e hin beekne mudateera.

Maddi:-BBC


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles