Dilbata kaleessaa miseensonni paarlaamaa Keenyaa lama waldaa kaatolikii keessatti wal lolan.
Ergasii dhimmi kun mata duree ShameOnTheChurches jedhuun miidiyaa hawaasummaarra bal’inaan deemaa jira.
Miseensonni kunneen lameen uummata waldaatti walga’eef erga dhaamsa dabarsanii booda yaadota mormii ka’an irratti walitti bu’uun wal reebuu eegalan.
Wayita isaan wal reeban namoonni viidiyoo waraabuun tuwiitarii irratti gadi dhiisaniiru.
Keenyaa keessatti waldaatti fayyadamuun ajandaa siyaasaa dabarfachuun waan haaraa miti.
Dhimmi siyaasaa Keenyaa keessatti yeroo ammaa ajandaa guddaa ta’ee jiru filannoo bara 2022 eenyutu mo’ata kan jedhuudha.
Dhimma kanarrattis paartii biyya bulchaa jiru ‘Jubilee’ gidduutti qoqqoodiinsi uumamaa jira.
Miseensonni paaralaamaa amma wal reeban kunneenis miseensota paartii Jubilee’ti.
Lolli kan eegalame wayita bakka bu’aan kutaa biyaa Kihaaruu Ndindi Nyoro nama siyaasaa gameessa Naayiroobii irraa dhufan Maina Kamanda’f maayikii kennuu didan ture.
Manni amantaa dubbiin itti ka’e kutaa biyyaa Kihaaruu keessatti argama.
‘’Namni waa’ee naannoo kanaa hin beekne akka uummata na filate bakka bu’ee dubatu hin iyyamuuf ‘’ jedhan Obbo Ndindi Nyoro.
Madda BBC Afaan Oromoo