Aktiviist Dr Angaasaa Ibraahim guyyaa har’aa gara biyyaa galuunsaa himame.
Aktivistiin Oromoo Dr.Angaasaa Ibrahim hardha biyya galeera.
Aktiviis Dr Angaasaa Yeroo gara biyyasaa galuus hoggantoonni Mootummaa ,Abbootiin Gadaafi fi maatinisaanii simataniiru.
DrAngaasaan waggaa kudhashaniin dura biyya kiyya keessaa roorroon na baasuus,qabsoo aarsaa heedduun Itti kanfalameen gara biyya kootti galuu kiyyaan gammachuun koo dachaadhaa jedhaniiru.
Jiijjiirama argannee ceesisuuf ammoo biyya alaa teenyee qofa otuu hin ta’in gara biyya kiyyaatti deebi’un ummata kiyya waliin ni hojjedha jedhaniiru.
Waajjira Giddugaleessa ODPtti Hogganaa damee Pablisiitiifi yaada ummataa Obbo Taayyee Danda’aa wayita simatan akka jedhanitti, biyya irraa baqatan kabajaan galuun waan guddaa dha jechuun kun ammoo bu’aa qabsoo arsaa heedduun Itti kanfalameedha jedhaniiru.
Obbo Angaasaan biyya alaa taa’uun qabsaa’aa kan turaniifi jijjiiramichi akka Itti fufuus gaheesaanii kan bahaa turan yoo ta’u, amma ammoo biyya isaanii galuun ummata waliin ta’un jijjiiramicha ceesisuuf gaheesaanii akka bahan abdii qabna jedhaniiru.
Gara biyyasaanii waggaa dheeraa booda deebi’usaanitiin gammachuun Mootummaa guddaadha jedhaniiru jedhe kan gabaase BDHKMNO ti. Madda Obn