Xiyaarri nama maleeyyiin warshaa Boba’aa Sawudii irratti halleellii raawwataniin balaan ibiddaa muudate.
Akka miidiyaan biyyittii gabaasanitti balaan kun Kaampaanii guddicha boba’aa oomishu ‘Aarmaakoo jedhamu irratti.
Halleellaan kun Saayitoota lama irratti kan gaggeeffame yoo ta’u,kan jalqabaa’’Saayitii guddicha ‘’Abqaiq’’ jedhamu yoo ta’u kan lammata Saayitii ‘’Khurais’’ jedhamuufi gara dhiha biyyittiitti argamu irratti.
Halleellii kana qaamni raawwate hanga ammaatti hin beekamne qoratamaa jira jedhan dubbi himaan ministeera dhimma biyya keessa Sawudii.
BBCfi Al-Jeziira gabaase
Madda obn