Irreechi Hora Finfinnee Sirna Ho’aan Ni Kabajama – Injiinar Taakkalaa
Irreechi Hora Finfinnee sirna ho’aan ni kabajama – Injiinar Taakkalaa Umaa
Injiinar Taakkalaa Uumaa Irreecha Fulbaana 24, 2012 kabajamu ilaalchisuun Abbooti Gadaa, Qeerroowwaan fi Foollee waliin mari’ataniiru.
Ayyaanichi sirna ho’aa fi bareeda ta’e akka gaggeefamuuf qaamni hunduu ga’e isaa ba’achuu akka qabu abbootiin Gadaa waamicha dhiyeessaniiru.
Injiinar Taakkalaan bulchiinsi magaalicha ayyaanii Irreechaa yeroo kam caalaa sirna ho’aan akka kabajamu deeggarsa barbaachisu hunda ni taasisa jedhaniiru.
Irreechi Finfinnee Ayyaana qofa osoo hin taane, seenaadhas jedhan, Kantiibaa itti aanaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa.
Ayyaanni Irreechaa Fulbaana 24 qophii addaddaan kabajamuuf qophii xumuramaa jiraachuun barameera.
Madda OBN