Ministiirri muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimadiifii Lammiin Naayijeeriyaa Bola Tinubu Badhaasa Diimookiraasii Afriika injifatan.
Ministiira muummee Abiyyi waliin kan injifate Mr. Tinubu’n dursaa paartii Pirogereesiiv Kongireesiiti.
Akka gabaasa guyyaa kaleessa qaama badhaasa kana qopheesse irraa argameeti namoonni lameen kun hojii Dimokiraasii Afriikaa keessatti fiduuf hojjetaniin badhaafamani.
Badhaasa kana kan qopheesse waldaa Gorsitoota Siyaasa Afriikaati jedhameera.dursitoonni lameen hojii sirna diimookiraasii cimsuufi bulchiinnsa gaarii mirkaneessuf biyyoota isaanii keessatti waan gaarii hojjechuu dura taa’aan waldicha Kehinde Bamingbetan.
Keessattu jedhan Mr. Bamingbetan Dr Abiyyi Sirna dimokiraasi diriirsuun,mirgi namoomaa akka eeggamu gochuu,bilisummaan miidiyaa akka jiraatuufi Gaanfa afriikatti nageenyi akka bu’uuf hojii guddaa hojjetaniiru jedhan.
Mr. Tinubu’n gama isaaniitii Filannoon Pirezedaantummaa Naajeeriyaa kan yeroo Muhaammad Buhaariin filatamanii dimokiraatawaa akka ta’uufi biyyoota Afriikaa biro keessattis mirgi namoomaa akka kabajamuufi dimokiraasiin akka babal’atu hojii guddaa hojjetaniiru jechuun
PUNCH gabaaseera. Madda OBN