Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Du’aan booddee qaamni namaa waggaa oliif ni sochoo’a – Qorannoo

$
0
0

Du’aan booddee qaamni namaa waggaa oliif ni sochoo’a – Qorannoo

Baayyoonni namni du’aan booddee nagaa ni boqota ilaalcha jedhu akka qabanidha, argannoon haaraan kun ammo du’aan booddee qaamni namaa haalaan olka’ee naannoo jiruu irratti akka socho’u ibseera.

Dhaabbanni teessuma isaa Awuustiraaliyaa godhatee fi haftee qaama namaa irratti qorannoo taasisu kun, sa’aatitti waan uummamu kaameraa galmeessu bakka haafteen qaama namaa baayyinaan argamutti hidhuun ji’a 17’f to’annoo taasiseera.

Hojii to’annoo taasisaniin qaamni nama du’ee sochii yeroo taasisu ilaaluun akka danda’amu himaniiru.

Du’aan booda qaamni namaa sochii xiqqoo akka taasisu kan eegamu yoo ta’u, waraabbii gaggeeffameen qaamni namaa yeroo dheeraaf sochii akka taasisu ibsameera.

Qaamni namaa naannoo ture irraa fagaate bakka biraatti yoo argame, baayyooni bineensaan yookiin ammo namaan akka waan socho’etti yaadu. Garuu qorannoon kun yaada kana akka sakkata’aniif agarsiiseera.

Keessumattu ogeessoonni Fooronsiik qaamni nama du’ee naannoo duraan ture irraa gara bakka biraatti ni socho’a ilaalcha jedhu akka hin qabne ibseera.

Maddi:- sciencealer

Madda fbcafaanoromoo


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles