Walitti dhufeenyii fi haariroon amantoota gidduu jiru cimuu qaba – obbo Ristuu Yirdaaw
Walitti dhufeenyii fi haariroon amantoota gidduu jiru cimuu akka qabu itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw himaniiru.
Manni Amantaa Tawaahdoo Ityoophiyaa gaggeessitoota amantaa kutaa lallabaa Sidaamaa, Burjii fi Amaarroo irraa walitti babba’an waliin dhimmoota yeroo irratti waltajjii marii Hawaasaatti gaggeessaniiru.
Obbo Ristuun rakkinoota akka biyyaattis ta’ee akka naannoon uummamaan waliigalteen furuu fi walitti dhufeenyii fi hariiroon amantootaa gidduu jiruu cimuu akka qabu dhaamaniiru.
Dabalataan, gaggeessitoonni amantaa walitti dhufeenyaa fi hariiroon akkasumaas dhaloota waan gaarii barsiisuu irratti itti gaafatamummaa fudhatanii akka hojjetaniif waamicha dhiyyeessu isanii ragaan waajjira prees sekreetariyaatti preezidaanti mootummaa naannoo kibbaa ni mul’isa.
Hirmaattoota waltajjichaa kan ta’an gaggeessitoonni amantaa gama isaanitiin miidhaa mana amantaa irra ga’aa jiru mootummaa adda baasuun deebii akka kennu gaafataniiru. Madda fbcafaanoromoo