Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Biyyoota addunyaa interneetii saffisaa qaban shanan

$
0
0

Akka gabaasa kanaatti biyyoota shanan adda baafaman keessatti mootummoonni isaanii tajaajila karaa interneetii kennaman mijeessuudhaan jiraattota biyyoota alaa hedduu hawwachaa jiru.

Biyyoonni shanan kanneen armaan gadiiti:

1.Istooniyaa

Akka gabaasi InterNations mul’isutti Istooniyaan waan hundaan jalqabarra jirti.

Tajaajila interneetii hin daangeffamnee fi dhiyeessii meeshaalee garaagaraa karaa interneetiitiin mootummaan mijeesse qabaachuudhaan kan ittiin gitu hin jiru.

Biyyi kun erga bara 1991 mootummaa Sooviyeet jalaa walabummaashee argattee baatee as damee dijiitaaliirratti xiyyeeffattee hojjette.

Interneetiin wantoota jireenyaaf barbaachisanii fi dirqama ta’an keessatti ramadameera.

Gama biraan ammoo biyyi kun addunyaarratti biyya yeroo jalqabaaf haleellaan saayiberii ishee mudate taateetti.

Bara 2007 haleellaan saayiberii marsariitii biyyattii ugguree, sirna interneetii biyyattiis laamshessee ture.

Biyyattiin garuu ammas xiyyeeffannaa waan kenniteef gama kanaan dursuu dandeesseetti.

2.Fiinlaandi

Tajaajila dijiitaalaa waliigalaatiin sadarkaa lammaffaarra jiraattus tajaajila kaffaltii maallaqa waraqaa maleetiin garuu sadarkaa duraarra jirti.

Addanatti ga’een interneetii baayyee murteessaadha.

Bara 2010 irraa kaasee Fiinlaandi keessatti tajaajilli interneetii mirga heera mootummaatiin namni argatu ta’eera.

Akkas gochuudhaan Finlaand addunyaarraa biyya jalqabaati.

3.Israa’eel

Haala waliigalaa damee dijiitaalaatiin sadarkaa 6ffaarra jiraattus tajaajila interneetii addaan hin ciccitnee fi sarara bilbila mobaayilaa salphaatti argachuudhaan sadarkaa 3ffaarra jirti, Israa’eel.

Sababa saffisa interneetii fi tajaajila teeknooloojii birootiin maqaan masoo Israa’eel ‘Startup Nation’ lammiilee biyyattii biratti haalaan fudhatameera.

Magaalota gurguddoo biyyattii keessaa gara daangaatti wayita ba’amullee tajaajila ineterneetii gatii salphaa fi akka fedhanitti argatu Israa’eel keessaa.

Israa’eel keessatti ijoolleedhaa hanga jaarroleetti interneetii fayyadamu.

Maanguddoon waggaa 70 ijoolleesaaniif karaa WhatsApp fi miseenjarii bilbilanii akka fedhanitti wlaiin dubbatu.

4.Kanaadaa

Haala walii galaa damee dijiitaaliitiin sadarkaa 7ffaarra jiraattullee, tajaajilli mootummaan karaa interneetii kennuu fi itti fayyadamni maallaqa waraqaa malee addaan citee hin beeku.

Keessaahuu gara giddugaleessa magaalotaatti interneetiin yeroo mara jira, addaan hin ciccitu, saffisni interneetiis guddaadha.

5.Kooriyaa Kibbaa

Haala waliigalaa gama dijiitaaliitiin haala mijataa lammiilee alaaf uumuudhaan sadarkaa 27ffaarra jiraattullee saffisa interneetiitiin addunyaarraa sadarkaa jalqabaarra jirti.

Guddina teeknooloojiitiin sadarkaa addunyaatti kan beekamtu Kooriyaan Kibbaa interneetiin saffisa guddaa qabu jiraachuunsaa lammiileen biyyattii kanneen biyyaa alaa waliin salphaatti akka hariiroo uuman gargaareera.

Kana malees salphaatti viidiyoo, ergaawwanii fi barreeffamoota interneetii fayyadamuun argachuun salphaadha, Kooriyaa Kibbaa keessatti.

Maddi BBC AFAAN OROMOO


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles