Cuukkoon meetira kuma 4 dheeratu qophaa’a jira
Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee Fulbaana 24 kabajamuuf Cuukkoon meetira kuma 4 dheeratu qophaa’a jira.
Nyaata aadaa Oromoon keessummaa itti simatuu, yeroo cidhaa fi ayyaanaa qopheessu keessaa Cuukkoon isa tokkoodha.
Irreecha Hora Finfinnee jarraa tokkoo oliif addaa cite ture, bara kana Fifinneetti irreeffatamuu sababeefachuun Cuukkoo dheerinni isaa kiiloo meetira 4 dheeratuu kana qopheesuun galmee raajii addunyaarratti beeksisuufi Finfinneetti hojjatamaa jiraa.
Hojii Cuukkoo kanaaf namoonni hojicharratti hirmaata jiran guyyaatti meetiraa 300 ol hojjachaa akka jiran Faanaa Broodkaastingi Korporeetitti himaniiru.
Hojii Cuukkoo Kanaaf Dhadhaan kilo kuma 3 fi Daakuun Garbuu kuntaalli 22 qohhaa’eera.
Daakuu Bassoof qophaa’e kiiloo 10 irratti Dhadhaa kiiloo 7 naquun hojjatamaa jira.
Hirmaatootni irreechaa seena qabeessa Hora Finfinnee fulbaana 24 irratti hirmaatan, Cuukkoo qophaaha jiruu kana namni tokko giraama 37 hanga 39 argata
.
Cuukkoon qophaa’a jiru kunis bassoon ergaa Dhaadhaan sukkumamee tolee boodaa xuxxuqaa irraa bilisa akka ta’uuf Pilaastikaan samsamee kan jiruu yoo tahuu namni tokko muraa takkaa dhandhamataa odeefannoon warren cuukkicha hojjataa fi hojjachiisa jiran irraa argannee akka mul’isuuttijechuun Amartii Tasfaayeefi Yidinaqacheew Hayilamaariyamtu gabaase.
Madda fbcafaanoromoo