Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

OF EEGGANNOO YEROO BILBILA FAYYADAMNU GOCHUU QABNU

$
0
0

1- Yeroo Roobaa wantootaa Neetwoorkii barbaadan kanneen akka wi-fi, Bluetooth, Network hundaa cufuu (Airplane mode) irra gochuu. Sababni isaas Raadiyeeshiniin bilbilaa dandeettii bakakkaa harkisuu waan qabuuf.

2- Raadiyoo FM eerfoonii (earphone) fayyadamuudhaan dhageeffachuu dhiisuu. Sababni isaas Bilbiloonnii Ismaartiin sababa Anteenaa hin qabneef earphone akka antenaatti fayyadamu yeroo kana Electromagnetic Radiation n sammuu keenyaa miidhaa.

3- Bilbilaa Chaarjii irra goonee waan tokkoyyuu fayyadamuu dhiisuu. Keessumayyuu Bilbilu,Wi-fi fayyadamuu, Game Taphachuu dhiisuu.

4- Earphone dhaan yeroo sirbaa caqasnu Equalizer fayyadamuun Sagalee Bass irra gochuu dhiisuu.

5- Wantootaa Humnaa Harkisa Magneetii Gurguddaa qaban bilbila keenyaa irraa fageessuu.

6- Bilbilli keenyaa ifa Hamaa Blue light jedhamu gad dhiisaa wan tayeef hamma dandeenyeen ifaa(Brightness) bilbilaa kenyaa hirdhisuudhaan fayyadamuu.

7- Bilbilli Keenyaa Chaarjiin isa bayyee xiqqaa yoo ta’e osoo fayyadamuu baannee sababni isaas yeroo chaarjiin isaa gad bu’uu Humnii balaqqeessa’uu isaa dabalaa deemaa waan tayeef.

8- Hamma danda’ameen yeroo bilbila hasofsiisnuu gurra keenyaa irraa hanga 5cm haa fageessinuu. Kunis Electromagnetic Radiation irraa of eeguuf gargaara.

9- Bilbila keessan Hammattanii hin rafinaa. Yeroo hirribaa yoo dandeessan cufaatii rafaa ykn fageenyaa 1.8m irraa kaa’aa.

10- Ijoolleen Umriin isaanii 15 gad ta’ee bilbila akka hin fayyadamne(akka hin baayyisnee) ifnii bilbilaa Sammuu isaanii salphamatti miidhuu danda’a waan tayeef kana malees dhiibee Kaansarii fiduu danda’a.

Horaa Bulaa

NAMOOTAA BIROOTIIN GAHUUS HIN DAGATINAA!

Madda: thecno


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles