Odeeffannoon dhimmoota gara garaa keessatti tajaajila gara garaaf oola. Dhimmoota biizinasii keessatti, dhaabbilee gara garaa keessatti, dhimmoota waraanaa keessatti odeefannoon tajaajila gurguddoof oola. Odeeffannoon darbu tokko harka nama hin barbaachifnee yoo dhaqqabe, akkaataa barbaachisummaa odeeffannoo sanaatiin balaa hammana hin jedhamne dhaqabsiisuu akka danda’u nama hin shakkisiisu.
Maxxansa xiqqoo kana keessatti maalummaa fi barbaachisummaa kiriptoograafii, kiriptoo-analaaysisii fi kiriptoolojii gabaabinaan ilaaluuf ni yaalla.
Kiriptoogiraafiin maaliidha?
kiriptoogiraafiin saayinsii odeeffannoo hiika qabu tokko gara odeeffannoo hiika hin qabneetti ykn namaaf dubbifamuu hin dandeenyetti jijjiiruudha. Mee fakkeenya salphaa tokko akka armaan gadii kanatti haa ilaalluu.Mee haa jennuu, Jecha yookiin ergaa si jaaladha jedhu, gara ergaa hiika hin qabneetti/cryptography/ jijjiiruudhaaf, qubee dursaa sadiin geeddaruu qabda yoo jenne, jechi kun gara jecha pf gxxixaex jijjirama. Jecha haaraa uumame kana dubbisuun rakkisaadha. hiika hin qabu jechuudha. Hima ykn ergaa haaraa uumame kanatti hima uumnee dubbisuuf qubee sadi gara fuulduraatti deemnee dubbisuu qabna jechuudha.
Adeemsi barreeffama hiika namaaf hin qabne kana uumuu encryption kan jedhamu yoo tahu, barreeffamni haala kanaan uumamu immoo cipher jedhamu. Adeemsi ergaa hiika hin qabne(cipher) gara isa hiika qabuutti deebisuu immoo decryption jedhama. Decryption tokko adeemsifamuu kan danda’amu furtuu icciitii/secret key/ gargaaramuudhaan. Fakkeenya armaan olii keessatti, qubeen dursaa sadaffaan furtuu icciitii keenya jechudha. Ergaan tokko icciitiin nama tokko irraa gara nama tokkoo qaqqabeera kan jedhamu, yoo furtuun icciitii qaamni sadaffaan hin beekne qofaadha. Kana jechuun furtuu kana beekuu kan qabu, nama ergaa erguu fi ergaan ergamuuf qofaadha jechuudha.
kiriptoo-analaaysisiin maalidha?
Kiriptoo-analaaysisiin adeemsa ergaa hiika hin qabne tokko, osoo furtuu icciitii hin gargaaramin gara ergaa hiika qabuutti deebisuuf taasifamuudha. Adeemsa kanaan ergaa hiika qabu tokko argachuuf qo’annoowwan herreegaa heddutti dhimma baata. Adeemsa kana haala milkii qabuun xumuruuf, wantoota gurguddoo sad qabaachuu qabda.
- Yeroo gahaa
- koompiitara humna gahaa qabu qabaachuu fi
- koomptara dandeettii kuusaa jabaa qabu qabaachuu qabda.
Kiriptoolojiin maaliidha?
Kriptoolojiin saayinsii tooftaawwan `kiriptoogiraafii fi kiriptoo-analaaysisii of jalatti qabatee jiruudha.
Xumura irratti
xumura irratti waa’ee kiriptoograafii gabaabinaan waan barreesine kana irraa odeeffannoo/hubannoo salphaa argattan jedheen yaada. Yaadaa fi gaafii qabaannaan balbalti keenya banaadha.