Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Chaayinaan baankii jalqabaa Roobootii qofaan hojjatu bante

$
0
0

Baankiin jalqabaa dhala namaan hin hojjatamne kun, baankii mootummaa chaayinaan magaalaa shaangaayi keessattiidha kan baname. Baankiin guutumatti teeknoolojiidhaan guuttame kun, guutumatti dhalli namaa keessatti hin hojjatu.

[ads1]

Roobotoonni wanta dhalli namaa hojjachuu danda’u hundaa ni hojjatu. Keessaanuu, roobootiin “little dragon” jedhamtu, maamiltoota maqaan yaamuudhaan tajaajila isaan barbaadan gaafattee kan keessumeesituudha.

Little dragon

[ads1]

Maamiltootaaf roobotoonni kunnin tajaajila akka herreega haaraa uumuu, maallaqa baasuu, maallaqa daddabarsuu, maallaqa sharafuu fi kkf ni kennu. Kutaan baankii kanaa hedduun isaanii teeknoolojiilee fuulaa fi sagalee addaan baasuu danda’u, kutaalee hologram, kutaalee virtual reality fi kkf qaba.

[ads1]

kaayyoon guddaan baankii kanaa baankii maallaqa gara garaa baasii hin goone uumuudhaan faayinaansii baankichaa kan guddisuu danda’u uumuudha. Uumaminsi baankii kanaa dhaabbilee faayinaansii  heddu dorgommii keessa seensisuu akka danda’u, barruulee gurguddoon addunyaa kanaa hedduun gabaaasaa jiru.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles