Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Yaa’in ariifachiisaa Caffee gaggeeffamaa jira

$
0
0

Yaa’in ariifachiisaa Caffee gaggeeffamaa jira

Yaa’in ariifachiisaa Caffee magaalaa Adaamaa, Galma Caffeetti gaggeeffamaa jira.

Caffichi yaa’ii ariifachiisaa 3ffaa waggaa 4ffaa bara hojii Caffee 5ffaa isaati kan gaggeessu.

Sirna baniinsa caffichaarratti haasaa kan taasisan afyaa’iin Caffee Oromiyaa obbo Isheetuu Dassee Caffeen mootummaa naannoo Oromiyaa xumura bara baajataa 2010tti raawwii hojiiwwan misoomaa, nageenyaa fi dimokiraasii qorachuun hanqinaa fi cimina jiru adda baasuun, rakkoolee mul’ataniif kallattii furmaataa kan kaa’e ta’uu, kallattiiwwan gurguddoo karoora bara 2011 fi baajata karoorri kun itti raawwatamu raggaasisuun hojii keessa seenuu isaa yaadachiisaniiru.

Keessattuu, baatiiwwan sadan darban Caffeen Oromiyaa fi qaamoleen garaagaraa wixineewwan seerotaa sochii jijjiiramaa akka naannoo Oromiyaatti eegalaman fiixan baasuu dandeessisan irratti mari’ataa turaniiru jedhan.

Waltajjiiwwan marii kunniinis, hojimaata Caffee qofaan osoo hin daanga’in qaamoleen adda addaa akka irratti hirmaachuun gabbisan carraa bal’aa kan uumee fi galteewwan gurguddoos kan irraa argaman ta’uu eeraniiru.

Yeroon keessa jirru, yeroo gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii ummanni kaasaa jiruuf deebii quubsaa kennuuf tarkaanfileen adda addaa fudhatamaa jirudha jedhan.

Walga’iin ariifachiisaa 3ffaa, waggaa 4ffaa, bara hojii caffee 5ffaa har’a taa’amaa jiru kun wixineewwan labsii sochii haaromsaa fuulduratti tarkaanfachiisan kan ittii raggaasisuu fi murtoo isaan deeggaran ittii dabarsu akka ta’u abdii guddaan qabas jedhaniiru.

Yaa’ichi caasaalee mootummaa sadarkaa naannotti baay’atanii jiran gara bakka hojiin hawaasaa jiru; gandaa fi aanaaleetti gadi buusuuf wixinee labsii qophaa’erratti mari’atee ni raggaasisa jedhameet eegama.

Kun baajata, humna namaa fi beekumsa qixaan fayyadamuuf; kan sadarkaa naannotti tuulamee jiru bakka hojii fi namni jirutti gadi buusuuf kan kaayyeffatedha.

Caasaaleen naannorratti baay’chuun ala hojiin isaanii wal fakkaachuu isaatin, morkii keessa galames kan araarsudha.

Osoo waltumsuu qabanii hojii walirratti dhiisuus ni fura jedhameera.

Caasaan mootummaa sadarkaa naannorra osoo hin taane gandaa fi aanaarratti akka baay’atu gochuudhan, hojiin qixa ta’e akka hojjetamu ni gargaara jedhameera.

Dabalataan labsiin abbaa alangaa waliigalaa Oromiyaa bakka tokkotti hundeessu ni ragga’a.

Yaa’ii ariifachiisaa Caffee Oromiyaa kanaan wixineen labsii hojjettoota mootummaa naannoo Oromiyaa bara 1994 ni fooyya’a jedhameet eegama.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles