Ministeerri Barnootaa yeroo simannaa dhaabbilee barnoota olaanoo ifoomse
Ministeerri Barnootaa FDRI yeroo simannaa dhaabbilee barnoota olaanoo hundaa ifoomse.
Ministeerichi kanaan dura yeroon simannaa dabarfamuu fi fulduratti kan ifoomu ta’uu ibsuun isaa ni yaadatama.
Haaluma kanaan har’a yeroo simannaa dhaabbilee barnoota olaanoo hundaa ifoomsera.
Barattoonni yeroo eerame qofatti bakka ramaddii isaaniitti argamanii gabaasa akka godhan gaafateera.
Barattoonni bakka ramaddii isaaniitti yammuu deeman baanaa, uffata ciisichaa, haguuggii boraatii fi uffannaa ispoortii akka guuttatan dhaamera.
Guyyaan simannaas akkanaan ifoomera;