Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Dhibee ishee mudaterraa dammaquuf %5 qofa qabdi kan jedhamte, muuziqaadhan dammaqxe

$
0
0

Dhibee ishee mudaterraa dammaquuf %5 qofa qabdi kan jedhamte, muuziqaadhan dammaqxe

Dhibee ishee mudaterraa dammaquuf %5 qofa qabdi kan jedhamte, sagalee taba piyaanoo haadhasheetin dammaqxe.

Shamarreen Briitaaniyaa umrii waggaa 14 Miiraandaa Meeldiram, bara darbe ture dhangala’uu dhiigaa yookin heemoorooyijin mana yaalaa kan geeffamte.

Wallaansa baqassanii yaalutiin deeggarsa taasifameefin du’a jalaa ba’uu dandeessetti.

Haata’uutii socho’uu fi waan naannooshee hubachuun ishee rakkiseet ture.

Ogeeyyonni yaalatis haala isheen irra turteen; Miiraandaan dammaqxee naannooshee hin bartuun carraa %5 qofa laataniifit turan.

Haatishee umrii waggaa 54 Steellaan ammoo baatii 8f hojiishee dhiistee intalashee yaaluuf hoospitaala turte.

Siree intalli ishee irra ciiste cinaattis piyaannooshee tabachuu eegalte.

Intalli isheetis dhawaata fooyyee agarsiiste.

Abbaan warraa Steellaas gitaara tabachaa fayyina intala isaanii hoodachaa turan.

Intalli ishees ijashee banattee, naannooshee hubachuudhan, haasaa shaakalaa jirti.

Fayyina isheetif muuziqaa fi hiriyoonni isheen jaalattu ga’ee olaanaa akka qaban himteetti.

Baatii itti aanu gara mana barnootaas ni deebitiin abdatameera.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles