Dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman teessuma isaanii gabbifachuuf yaalii isaan hin taasifne hin jiru.
Yeroo teessuma isaanii furdifatan kana mudhiin isaaniis qallatee kan mudhiin mudhii migiraa ykn mudhii soonsaa jedhaman ta’u jechuudha.
Miidhaga yaadanii miidhama hin yaadatan akkuma jedhamu, miidhagina kanaan milkaa’uun tola hin dhufu.
Wallaansa baqasanii hodhuufi kan biroo ni qabaata. Dhukkubbiirra darbees amma amma lubbuun akka darbullee taasisaa jira.
Torban kana keessa dubartiin lammii Biriteen miidhagina baqaqsanii hodhuu “Teessuma Biraazil” jechuun masoodhaan waamamu kana taasifataa osoo jirtuu duuteetti.
Dubartiin tessuma furdifachuun duute kun Biriteenirraa lammaffaa ta’uu isheeti.
Teessuma furdifachuun kun dubartoota Holiiwuud keessa hojjetaniin kan baratamedha.
Kana waan ta’eefis dubartoonni baayyeen warra Holiiwuud keessaa kana ilaaluudhaan gara wallaansa sadarkaa isaa hin eeggatiin deemu.
Akka gabaasa qorannoo Waldaan Miidhaginaaf Baqaqsanii Hodhuu Biriteen baase agarsiisutti dubartoota kuma sadii keessaa tokko baqaqsanii hodhuu teessuma furdifachuutiin lubbuun ishee darba.
“Teessuma Biraazil” ykn Brazilian butt lift (BBL) kan jedhamu kun adeemsi isaa cooma qaama ofii bakka biraa irraa muruudhaan teessuma irratti lalaxxafuudha.
Kan dubartoonni akka du’an taasisus foon coomaan qaama bakka biraarraa muramee teessumatti yeroo laxxafamutti dhiigni haalli ittiin deemu baayee danqamuudhaan.
Jiraattuun Welsi ganna 23 taate akka BBC’tti himtetti erga bqaqsanii hodhuun teessuma gabbifachuu taasiftee rakkoo fayyaatiif saaxilauushee dubbatti.
“Amma mataasaa sirriitti deemuu dadhanaab jira,” jetti.
Madda BBC