Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Qonna Gabaadhaan durfamurratti hundaa’uun hojii qonnaan bultoonni waarshaaf oomishuu jalqaban

$
0
0

Qonna Gabaadhaan durfamurratti hundaa’uun hojii qonnaan bultoonni waarshaaf oomishuu jalqaban cimee itti fufuu qaba jedhan Dr. Girmaan.

Oomisha qonnaan bultoonni godina Arsii Aanaa Leemmuufi Bilbiloo Ganda C/Mikaa’elaatti kilaastera Garbuu Biiraarratti Oomishaa jiran Hoggantoota Biiroo Qonnaafi Godina Arsii akkasumas, qonnaan bultoonni daawwatanii jiru.

Daawwannaa kanaanis, qonnaan bultoonni Oomisha garbuu biiraa gabaarratti barbaadamu qulqullina isaa eeguun waarshaa Biiraafi waarsha biqila Biiraa Asallaa waliin walitti hidhamiinsa gabaa uumuun oomishaa jiran daawwatameera.

Qonnaan bultoonnis gaaffiiwwan qorannoo sanyii fooyya’aarratti yeroo yeroob xiyyeeffannoon mootummaan hojjechuu akka qabu, rakkoo tilmaama gatii oomisha

garbuubiiraarratti jiru furamuu dhabuu, dhiheessii mekanaayizeeshinii qonnaaafi buUuraalee misooma ifaa dhabuu kanneen jedhan hooggansa olaanaaf dhiyaateera.

Dr. Girmaanis, hojii qonnaan bultoonni gabaa giddu-galeessa godhate waarshaaf oomishaa jiraniif galateeffachuun fedhii yeroo ammaa sanyii filatamaa,

itti fayyadama mekaanayizeeshiniirratti qaban cimee itti fufuu akka qabuufi mootummaanis rakkoo kana furuun qonna tekinooloojiitiin deeggaruuf xiyyeeffannoodhaan hojjechaa jira jedhaniiru.

Obbo Dhaabaa Dabalee Hog. BQQUOs hojii qonnaan bultoonni godina Arsii hojii qonnaatekinooloojiin deeggaruun jalqaba hanga sabsiitti hojjechuun guddina oomishtummaa

qonnaarratti hojjechaa jiraniif galateeffachuun yeroo ammaa kanatti maashina mekanayizeeshinii qonnaan walqabatee jiru furuuf

qonnaan bultoonniifi dargaggoonni gurmaa’anii liqaa baankii dhalli isaa gad-aanaa ta’een akka bitataniif Biiroon Qonnaa Baankii Misoomaaf deeggersa waan isiniif barreessuuf itti deemuu akka danda’an dubbataniiru.

Dhumarrattis, qonnaan bultoonni qabeenyaa qabaniin ijoollee isaanii baratanii jiran deeggeruun qonna beekumsarratti hundaa’e gaggeessuun akka biyyoota biroo qonna maatiirratti hundaa’e akka gaggeessaniiif Dr. Girmaa Amantee Sad.

I/A/ Pirezidaantiitti Qindeessan Kilaastera Qonnaa dhaamsa dabarsaniru.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles