Daldala Eertiraa fi Ityoophiyaa jidduutti gaggeeffamu to’achuuf seerri qophaa’aa jira -aadde Adaanach
Daldala Eertiraa fi Ityoophiyaa jidduutti gaggeeffamu to’achuuf seerri qophaa’aa jiraachuu ministirri Ministeera Galiiwwanii aadde Adaanach Abeebee beeksisan.
Aadde Adaanach akka jedhanitti seerichi alergii fi meeshaalee gara biyyaa galan to’achuuf faayidaa olaanaa qabaata.
Daangaan biyyoota lamaanii waggoota 20 oliif cufamee ture ega banamee hariiroon ummattummaa cimaa dhufeera.
Daldala biyyoota lamaan jidduutti gaggeeffamummoo seeran to’achuun barbaachisaa waan ta’eef seerichi qophaa’aa jira jedhan aadde Adaanach.
Meeshaalee gara Eertiraa ergamaniifis haa ta’u kan gara biyyaa galfamaniif seerri qaraxaa ni diriirfamaaf jedhaniiru.
Hojimaanni amma diriirfamuttis daangaan sa’aatii fi gosoota meeshaalee kaa’ameera.
Seera to’annaa qopheessuufis qorannaan haala qabatamaa naannoo daangaa biyyoota lamaanii ogeeyyii mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraayirraa walitti babba’aniin gaggeeffameera.
Qunnaamtiin daangaarraa yeroo ammaa ganama sa’aa 12:00 amma galgala sa’aa 12:00tti akka ta’us murtaa’era.
Ityoophiyaan buufata Asabii fi Mitsiwwaa fayyadamuuf mootummoonni biyyoota lamaanii hojiilee addaddaa hojjechaa akka jiran ni beekama.
Maddi; TOI