Taayifoodiin baakteriyoota “Salmonella Typhi”/”Salmonella Paratyphi” jedhamuun dhufa. Dhukkubni kun biyyoota guddataa jiran keessatti bal’innaan kan mul’atu fi cinqaa ta’uyyuu, biyyoota guddatan keessatti hedduu hin muldhatu.
Taayifoodiin yeroo baay’ee nyaata qulqullinna hin qabne fayyadamuun, bishaan qulqulluu hin taane dhuguudhaan, fuduraaf kuduraa dheedhii naannoo bobbaa itti bahanitti biqile nyaachuun,
akkasumas nama dhukkuba san qabu wojjiin hariiroo/wolitti dhiheenya dhihoo qabaachuudhan daddarba.
Dandeettiin dhibee ittisuu qaamaa gadi bu’uun, akkasumas dhukkuboonni ykn qorichoonni aasidii garaachaa hirdhisan carra dhukkuba kanaan qabamuu ol kaasu.
Mallatooleen dhukkuba kanaas erga wontoota dhukkuba kana namatti fidaniif saaxilamanii booda torbaan tokkoo hanga sadihii keessatti mul’atu malu.
Mallatooleen isaas:
* Hoo’a qaamaa guyyaa gara guyyaatti dabalaa dhufu/Hoo’a ol’aanaa
* Bowwoo /dhukkubbii mataa
* Nama dadhabsiisu
* Nama dafqisiisuu, hollachisuu, ykn Sheengarsiisuu
* Fedhiin nyaata hirdhachuu ykn dhabamuu
* Nama lolloojjessuu ykn haqqisiisuu
* Garaa nama gogsuu ykn nama baasuu
* Maashalee harkaafi lukaatti dhukkubbiin namatti dhagahamu
* Garaan nama muruu/dhukkubii garaa
* Shifiniinii xixiqqoo gogaa garaa, laphee fi qomaa irratti mul’atan
Hub: Mallatooleen armaan olii hundi yeroo tokkotti/wol faana mul’achuu dhabuu danda’u.
Rakkinnoolee Taayifoodiin darbee darbee (keessattuu yoo otoo hin yaalamin hafe) qaama keenya irratti fiduu danda’u:
– Mar’umaan keenya quunca’e akka dhiiguufi urame akka qaawula bahu gochuu danda’a
– Darbee darbee Infeekshinii Kalee, Afuuffe fincaanii, Maashaa onnee, Somba, Rajiiji, Tiruu, Manjalloo, Nama suursuu/waan dhukkuba akka qalbii fa’a fiduu danda’a.
Maal haa goonu?
~ Qulqullina nyaata keenyaa eeguu.
~ Bishaan qulqulluu fayyadamuu
~ Mana fincaanitti fayyadamuu
~ Mana fincaaniiti yoo baanu harka keenya saamunaan dhiqachuu
~ Mallatooleen armaan olitti eeraman yoo of irratti argine erga mana yaalaa deemne booda qoricha ogeessi yaalaa namaaf ajaje San rogatti/haalaan fudhachuun barbaachisaadha.
Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
Madda krazstl