“ABO dhaaba Oromoo kan jalqaba qabsoo keenyaa waan ta’eef Ummata keenya hundaatu mararfata.” Prezidant Lammaa Magarsaa
ABO kaayyoo bilisummaa Oromoo ganamaa qabatee jira taanaan kaayyoon hunda keenyaa bilisummaa ummata keenyaa waan taheef waliif gallee hojjechuu dandeenya.
Qaamoota diinaa amma walitti bu’iinsa Oromiyaa bakka adda addaa uumaa jirtan keessaa harka qaba yoo ta’e qaamoota jijjiirama amma saba keenyaaf dhufaa jiru mormuu jechuudha.
ABO jeequmsa kana keessaa harka hin qabu taanaan ummata keenyaaf nageenya amansiisaa fiduuf mootummaa keenya wajjiin ifatti dhaabbachuu qaba.
Qaamni Oromoof qabsaawe jedhu kamuu ummata Oromoo abbaa aangoo taasisuuf carraaquu qabna.
Dogoggoroota darban irraa barannee qilee keessaa hin baanetti akka hin kufne of tiskuu qabna.
Diina aangoo dhabetti deebi’uuf Oromoo irratti abidda karaa hundaan qabsiisaa jiru kana salphisuun dirqama Oromoo hundaati.
Akkuma diinni keenya baayyatu Ololli shakkii jidduu keenyatti uumu baay’ata.
Akkuma Ummanni keenya baay’atu Warri sodaa saba keenya irraa qabus baay’ata. Kanaaf Abshaalummaan tokko taanee qabsaawuu nurraa eegama.