Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Namoota meeshaalee isaanii Gumuruukatti kuusan dhorki sharafa alaa irratti laatamuufi

$
0
0

Namoota meeshaalee isaanii Gumuruukatti kuusan dhorki sharafa alaa irratti laatamuufi

Namootni irra deddeebin meeshaalee isaanii Gumuruukatti kuusan dhorki sharafa alaa irratti darbuuf akka ta’e ibsame.

Kanaan dura Gumuruuka Qaallittitti meeshaa isaanii kusaanii kanneen argaman qaraxa kaffaluun kaasuu akka qaban irra deddeebin of eeggannoon kennameefi jira.

Kana darbuunis Ministeerri Galiiwwanii Gumuruuka Qaallittii kontinaroota seeran hojiimata gumuruukaan ala kuufaman irraa Birrii miliyoona 23.6 mootummaaf galii taasisuu Itti aanaan hoji gaggeessa Kabachiisa Seera Gumuruukaa obbo Alamaayyoo Aantichoo beeksisaniiru.

Gumuruukni Qaallittii gurgurtaan kan dhabamsiise malee dabalataan miliyoona 20tti kan tilmaamamu meeshaalee sirni gumuruukaa irratti hin raawwatamne guyyoota lamaan itti aanu keessatti dhabamsiisuf qophii xumuree jira.

Meeshaalee caalbaasiin gurguraman keessaa meeshaaleen eleektirooniksii,meeshaaleen dheedhii konkolaattotaa,meeshaaleen ijaarsa fi huccuun garaa garaa ni argamu jedhameera.

Ammas taanan gumuruuka Qaallittii keessatti kontinaroonni guyyaan beellamaa irra darbe guyyaa 60 ol lakkoofsiisan 106 kan argaman ta’uu obbo Almaayyon ibsaniiru.

Akkasumas guyyaa 60 gadi kan turan kontinaroonni 643 kan argaman ta’uus eeraniiru.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles