Dooktar Abiy Ahimad hirmaannaa fooramii Chaayinaa Afrikaa Beejiingitti gaggeeffameen booda kaleessaa eegalee Eertiraa daawwachaa turaniiru.
Muummee Ministiraa Dooktar Abiy turmaata isaanii Eertiraatin buufataalee Asabii Mitsiwwaa daawwataniiru.
Dooktar Abiy kaleessa preezdaantota Eertiraa fi Soomaaliyaa waliin dhimmoota naannoo fi hariiroo biyyoota isaaniirratti ega mari’ataniin booda waliigalteewwan walii mallatteessaniiru.
Muummee ministiraa Dooktar Abiyyii fi preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqiin har’a imbaasii Ityoophiyaa Asmaraatti ifatti bananii hojii eegalchiisaniiru.
Dooktar Abiy turmaata isaanii fooramii Chaayinaa Afrikaarratti fedhii Ityoophiyaa fi Afrikaa calaqqisuusun danda’amuusaa ibsaniiru.
Fooramichaan cinaatti dureewwan biyyootaa fi hogansa dhaabbilee idl addunyaa waliin marii milkaa’aan gaggeeffamuusaa eeraniiru.
Liqaan ijaarsa sarara baaburaa Iityoo Jibuutii waggaa 10n kaffalamuuf ture waggoota 30tti akka dheeratu qondaaltota Chaayinaa waliin waliigalamuu ibsaniiru.
Daawwii hojii guyyoota lamaa Eertiraatin waliigalteewwan biyyoonni lamaan kanaan dura taasisan hojiirra oolaa jiraachuu ilaalufi jedhan.
Muummee ministiraa Dooktar Abiy ergaa baga bara haaratiin itttiin isin ga’ees dabarsaniiru.