Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Piroojeektii bishaan dhugaatii jiraattota kuma 400 ol fayadamaa taasisuu eebbise.
Piroojeektii bishaan dhugaatii Kuyee Fiichee Qiilinxoo Tulluu Diimtuu kantibaa itti aanaa Injinar Taakkalaa Uumaan eebbifame hojii eegale jira.
Piroojeektiin Bishaan dhugaatii kuni akka ragaan Abbaa Taayitaa Dhangala’aa fi Bishaanii mul’isutti guyyaatti
bishaan meetir kiyuubii kuma 44 kan maddisiisu yoo ta’u, namoota kuma 400 fi kuma 40 fayyadamaa ni taasisa.
Sirna eebbaa kana irratti haasaa kan taasisan kantibaa I/A Injinar Taakkalaa Uumuu Bulchiinsi Magaalaa Piroojektoota jalqabaman saffisaan xumuruun hawaasa fayadamaa gochuuf kan hojjetu ta’uu fi
kun galmaa kan gahu waliin misoomsuuf waliin fayyadamuurratti hirmaannaan hawaasaa yoo jiraatedha jedhan.
Piroojeektiin kun boollaa gadii fagoo 9, gaanii qulqulleessituu 2, sarara bishaanii KM 29.1,
hojii paampii fi elektiroo makaanikaalaa dhiyeessuu fi dhaabuun kan raawwatame dha.