Hojiin yakkamtoota seeratti dhiyeessuu cimee itti fufa- MM Dr. Abiy Ahmad
Hojiin yakkamtoota seeratti dhiyeessuu cimee kan itti fufu ta’uu Muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahmad ibsa baasaniin beeksisaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahmad Yakka Kaansarii biyyaa ta’e waliin haa ittisnu jedhaniiryu.
Mootummaan bu’uuruma uummataaf waadaa galeen qaamota sarbamuu mirga namoomaa, saamicha biyyaa fi yakkawwan garaa garaarratti hirmaataan duukaa bu’ee seeratti dhiyeessuu cimsee akka itti fufu beeksisaniiru.
Waajirri Ministira Muummee ibsa baaseen, uummanni Itiyoophiyaa waggoottan darban keessa gaaffii seeraa gaafachaa turuu yaadachiisuun, mootummaanis olaantummaa seeraa mirkaneessuun lammiileen bilisummaan akka jiraatan gochuuf ni hojjeta jedha.
Mootummaan warreen yakka hojjetanimmoo iddoo dhokatanii baasuun seera duratti murtoo akka argatanis mirkaneessuuf akka hojjetu mirkaneesseera.
Yakki biyyarratti raawwatamu akka dhukkuba Kaansariiti kan jedhu ibsi Ministira Muummee Abiyyi Ahmad, kaansarii qaama hunda keessaa baasuuf qaamni keenya hunduu tumsuu qaba, Yakkis akkanuma hundee gadi fageeffatee hunda keenya akka hin miine waliin taanee yeroodhaan dhabamsiisuu qabna jedha ibsichi.
Ibsi Waajjirri MM baase kun, miiraan otoo hin taane qalbiidhaan seeraaf dhaabbannee sirna jal’ate sirreessuuf ni hojjenna jedheera.
Yakkamtootaaf dahoo ta’uu dhiisnee gola seenanii baasnee seeratti dhiheessuun akka lammata hin raawwatamne walta’insaan yaa hojjennu jechuun dhaamameera.