Quantcast
Channel: Jechootaa App
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Gaanfi Afriikaa Afriikaaf Abdii ta’uu Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa beeksise

$
0
0

Gaanfi Afriikaa Afriikaaf Abdii ta’uu Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti gargaaraan Ministiraa Dhimma Afrikaa Tiboor Naajii himan.

Tiboor Naajii kana kan jedhan har’a Ministira Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Dr Warqinaa Gabayyoo waliin waajjira isaaniitti wayita mar’iyatanidha.

Tasgabbii fi nageenyii Afrikaa keessatti akka mirkanaa’uf gahee Itiyoophiyaan bahaa jirtuuf galateeffataniiru.

Dr Warqinaanis Itiyoophiyaan dhimma misoomaa fi nageenyaarratti Ameerikaa waliin qindoominaan ni hojjetti jedhaniiru.

Nageenya Afriikaa Bahatiif deeggarsa Ameerikaan taasisaa jirtuufis galateeffataniiru.

Sochii jijjiramaa yeroo ammaa kana biyyattii keessatti dhufaa jiru ilaalchisees Tiboor Naajiif ibsa laataniitu.

Itoophiyaan damee Daldalaa fi Invastimantii irratti hariiroo Ameerikaa waliin qabdu ol guddisuu barbaaddis jedhan Dr Warqinaan.

Fayyadamummaa Uummata biyyoota lamaanii dabalaa deemuun ni barbaachisaas jedhaniiru jechuun kan gabaase Rippoortara keenya Girmaa Hundeeti.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1487

Trending Articles