Jawaar Mohaammad jiraattoota godina Shawaa Kaabaa waliin mari’ate
Aktiivisti Jawaar Mohaammad guyyaa har’aa magaala Fiicheetti jiraattoota godina Shawaa Kaabaa waliin marii gaggeessan.
Sagantaa kanarrattis jiraattoota magaala Fiichee fi aanolee godinichaa bahan hirmaataniiru.
mariin kunis dhimmoota akka godinichaatti hudhaa ta’uun fayyadamummaa ummataa danqanirratti kan xiyyeeffate ta’uu odeeffanneerra.
Aktiivist Jawaaris rakkoolee fi gaaffii hirmaattoota irraa ka’aniif qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessun deebii akka argatuuf kan qabsaa’u ta’uu himeera. Madda Fbc Afaan Oromoo