Muummeen Ministeeraa Dooktar Abiy Ahmad godina Baaleetti jiraattoota aanaa Gindhiir waliin mari’atan
Muummeen ministira FDRI Dooktar Abiy Ahmad godina Baaleetti jiraattoota aanaa Gindhiir waliin mari’atan.
Dooktar Abiy Toonii Bilaar waliin ta’uuni oyiruu kilaasata oomisha qamadii godina Baalee aanaa Gindhiir ganda Araddoo Qabsootti daawwii taasisan booda jiraattoota waliin mari’atan.
Daawwii kanarratti Itti Aanan Mummee ministiraa obbo Dammaqaa Makonniin fi Preezdaantin naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa aragamaniiru.
Gandichatti qonnaan bultootni lafa heektaara kuma 2 fi 350 irratti kilaastara 133 qamadii Duuraam oomishaa jiru.