Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa gara Soomaaliyaa magaalaa Gaarowweetti balalii eegaluufi.
Balalii gara Moqqaadishootti taasifamuun cinaatti gara Gaarowweetti balalii tajaajila eegaluuf hojjechaa jiraachuu hoji raawwachiisaa olaanaan daandichaa obbo Tawaldaa G/maariyaam ibsaniiru.
Lakkoofsi balalii fi qaqqabamni Soomaaliyaa keessaa dabaluun hariiroo Ityoophiyaa fi Soomaaliyaa gama diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa caalmaan kan cimsu ta’uu ibsaniiru.
Diyaaspooraan Soomaaliyaa biyyoota addaddaarra jiraatan karaa Finfinneetin biyya isaanii Soomaaliyaa akka salphaatti akka qaqqaban isaan taasisas jedhan obbo Tawaldaan.
Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa yeroo ammaatti qaqqabama balalii idil addunyaa 120 ol qaba. Madda fbcafaanoromoo